Haasawaa Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan taasisan guutuu isaa

  • 13 Feb 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
*****
Yaa’ii Idilee 8ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa irratti hirmaachuuf waamicha isiniif taasifame kabajuun, BAGA NAGAAN DHUFTAN; ANAA DHUFU!
Caffeen Oromiyaa, karoora qaamolee mootummaa jalqaba bara baajataa irratti raggaasuun, kallattiiwwan gurguddoo imala keenya saffisiisan kaa’uun isaa ni yaadatama. Karoorri qabame akka milkaa’uufis, Caffeen keenya ji’oottan jahan darban keessatti, karaa Koreewwan Dhaabbii isaa hordofaafi to’achaa tureera.
Yaa’iin Idilee 8ffaa kunis, imala cehuumsa boqonnaa haaraa mirkaneessuuf waadaa galle haaromsinee, barii murtiiwwan gurguddoofi seena qabeessa ta’an, Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaan darbanitti kan gaggeeffamu ta’uun adda taasisa.
Sirni Federaaliizimii sabdaneessaa, qajeeltoo ijaarsa diimokiraasiin imala ijaarsa biyyaa dhugoomsuuf, duudhaalee obbolummaafi tokkummaa walqixxummaa ummattootaa karaa haammateen, dhaabbilee ciccimoo sirnaafi mootummaa cimaa ijaaraa jirru galmaan gahuu dandeessisan, kallattiiwwan misoomaa haqa qabeessa ta’een badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf mul’ata qabanne milkeessuuf hojjechuu irratti argamna.
Birmadummaan diinagdee keenyaa, dhiibbaafi qormaatilee kamiyyuu dandamatee, galii keessoon of danda’uun sirna dinagdee dam-daneessaa man-dhaleen utubamee, tarsiimoo misooma baadiyyaafi magaalaan oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuuf, badhaadhina hunda galeessa galmeessuu irratti kan fuulleffatedha. Injifannoowwan qaqqaaliin galmaa’aa dhufanis ilaalama biyyi keenya addunyaa irratti qabdu kan jijjiiredha.
Biyyi keenya mataa ol qabattee, daandii milkaa’inaa irra akka imaltuuf, barii jijjiiramaa irraa eegalee cabiinsa siyaas-diinagdee ture wal’aanuun, diiplomaasii dantaa biyyaafi kabaja lammiileef xiyyeeffannaa kennuun, WALIIGALTEE BIYYAALESSAA HUNDA HAAMMATEEN Itoophiyaa haaraa seenessa waloon ijaaramte arguuf hojjetamaa jira. Kunimmoo, ida’ama yaadaafi gochaa lammiileefi walharkaa fuudhiinsa dhalootaan kan milkaa’u ta’uu isaa hubachiisuun barbaada.
Bu’uurri Hawaasaa Maatiidha; badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf ammoo nageenyi murteessaadha. Ummanni keenya, misooma isaa irratti bobba’ee, raajii hojjetee badhaadhina sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf jijjiiramni mul’achaa jiru kun nagaan utubamuu qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas, galmi badhaadhinaa NAGEENYA UMMATA NAANNICHAA WAARESSUUDHA ejjennoo jedhuun waamicha nagaa taasisaa tureera. Kana hordofee, caayaa sirna Gadaa tokko jalatti mari’achuun waliigalteen nagaa taasifamee jira. Qaamoleen daandii nagaa filattanii galtan mootummaafi ummata keenya biraa kabajaafi galata guddaa qabdu.
Kanneen haftanis, boqonnaa walwaraansaa cufuun, daandii nagaa filattanii qe’ee nagaa keessaa baatanitti akka deebitaniif, balballi keenya banaa ta’uu isaa ibsaa maqaakoofi maqaa Kabajamaa Caffee kanaan ammas waamicha isiniif taasisa.
Sirni walhordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa jidduutti diriire fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatudha. Galmi hojii kanaas, hariiroo mootummaafi ummata gidduu jiru cimsuun misooma waaraa ummanni irraa fayyadamu mirkaneessuudha. Lammiileen tajaajila si’ataafi haqa qabeessa akka argatan taasisuun, amantaa mootummaa irraa qaban dachaan akka dabalu taasisa.
Dhimmi dimookiraasii dagaagsuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuu hojii boruuf bulfannu miti. Bu’uura kanaan, bara kana komii ummanni tajaajila mootummaa irratti qabu sirnaan deebisuuf, qajeeltoo Heera Naannichaa hordofuun gurmaa’iinsi sadarkaa Gandaatti hojiirra oole sirna ijaaraa jirruuf utubaa akka ta’e hordoffiifi to’annoo gara ummataatti gadi buunee taasisaa turreen jalqabbiin jiru gaarii ta’uu hubachuun danda’ameera.
Gaaffiifi komiiwwan ummannni keenya kaasu karooraan deebisuuf waggoota darban keessatti hojiin hojjetamaa ture injifannoowwan gurguddaa argamsiiseera. Haa ta’u malee, fedhiin misoomaafi guddinaa ummanni keenya qabu waliin walbira qabnee yommuu ilaallu, ammallee dhimmoonni xiyyeeffannoo Mootummaa Naannichaa barbaadan akka jiran ibsuun barbaada. Keessaahuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuun tajaajila itti quufiinsa lammiileen mirkanaa’e kennuufi maddoota komii ummataaf bu’uura ta’an sakatta’uun furmaata waaraa akka argatu taasisuun hojii xiyyeeffannoo barbaadudha.
Karoorri Xiiqii Marsaa 2ffaa jalqaba bara baajataa kanatti, Caffee Kabajamaa kanaan mirkanaa’ee hojii keessa kan jiru ta’uun isaa ni beekama. Yaa’ii Idilee 8ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa ara irraa eegalee gaggeessinuun, hojiiwwan misoomaa, nageenyaa, siyaasaafi hawaasummaa akkasumas, guddina hawaas-diinagdee naannichaa saffisiisuuf ji’oottan jahan darban hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa turan gabaasa qaama raawwachiiftuu keessatti haammatamanii kan dhiyaatan ta’a.
Yaa’ii kanaan, kallattiiwwan gurguddoon Yaa’ii darbe irratti taa’an, injifannoowwan dameewwan misoomaa hunda irratti galmeessine cimanii akka itti fufan, dhimmoonni baatiiwwan itti aanan keessatti xiyyeeffannoo mootummaa naannichaa barbaadan ammoo adda bahanii akka irratti hojjetamaniif kallattiin kan itti kennamu ta’a.
Dhumarrattis, bu’uura Heeraafi Seeraan, baay’inni Miseensota Caffee argamuu qabanii, Yaa’ii keenya gaggeessuu kan nu dandeessisu ta’uun isaa waan mirkanaa’eef, Yaa’iin Idilee 8ffaa Waggaa 4ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa ifaan banamuu isaa ibsa.
Tumsa Waloon; Badhaadhina Hunda Galeessa Ni Mirkaneessina!
Galatoomaa!