Hooggansiifi Hojjettoonni Waajjira Caffee Oromiyaa Qaammee 02/2016 guyyaa Riifoormii sababeeffachuun ‘Riifoormiin Tajaajila Caalmaaf' mata duree jedhuun bakka hojii isaaniitti argamuun tajaajila kennaa jiru.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan mul’ata Badhaadhinaa qabanne milkeessuuf waggoottan jijjiiramaa dabarsine keessatti riifoormiiwwan garaa garaa taasifamaa turan hojiirra oolchuun injifannoowwan hedduu galmeessuu dandeenyee jirra jedhan.
Mootummaan daandiiwwan imala badhaadhinaa mirkaneessuu danda’an, tajaajila si’ataa, qulqullina qabuufi hawaasatti dhihaachuun hojjechuun badhaadhina sadarkaa maatiifi biyyaa milkeessuuf gurmaa’iinsaafi hojimaata ture irratti riifoormii gaggeessee jira. Kunis, itti quufiinsa ummataa mirkaneessuuf tajaajila caalmaa kennuuf hojiirra kan oole ta’uus ibsan.
Riifoormii taasifne kanaanis, misooma itti fufsiisuu, diinagdee damdaneessa ta’e dhugoomsuufi utubuu karaa dandeessisuun tajaajila lammiilee fooyyessuun amantaa ummanni mootummaa irratti qabu dabaluudha. Galma kana qabannee, guyyaa har’aa hojii idileen yommuu dabarsinu hawaasa bakka buune tajaajiluun kabaja ta’uu hubannee gahee keenya bahachuu irratti argamna jedhan.
Akkaatuma aadaafi duudhaa qabnuun wal gargaaruu, wal deggeruufi wal bira dhaabbachuun barbaachisaa waan ta’eef, guyyaa rifoormiifi jala bultii ayyaana bara haaraa sababeeffachuudhaan hojjettoota Waajjirichaa galii xiqqaa argataniif deeggersi meeshaalee nyaataa taasifameefi jira.