"Imaammataafi tarsimoo dinagdee biyyi keenya hordofaa jirtuun milkaa'inni galmaa'aa jira" Kab. Obbo Eeliyaas Uummataa, I/Aanaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaa

  • 08 Jul 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Mootummaan Badhaadhinaa dinagdee jabaa ijaaruuf dameewwan dinagdee gooroo murteessoo ta'an adda baasuun tarsimoo dinagdeewwan gooroo kunneen ittiin hojiirra oolan bocuun hojiittti hiikaa jira. Imaammataafi tarsimoo dinagdee hojiirra oolaa jiru kanaanis milkaa'inoonni gurguddoon galmaa'aa jiru.
Dinagdeewwan gooroo adda ba'uun irratti hojjetamaa jiru keessaa tokko misooma industiriiti. Xiyyeeffannoo mootummaan damee kanaaf kennee hojjechaa jiruunis oomishaafi oomishtummaan dabalee jira.
Galma gama kanaan qabame milkeessuuf Naannoo Oromiyaatti Paarkiin Induustirii Qonna Qindaa'aa Bulbulaa ijaaramuun ce'umsa dinagdee qonnarraa gara industiriitti taasifamu akka saffisiisuuf agro processing irratti xiyyeeffachuun hojjetamaa jira.
Guyyaa kaleessaas Itti Aanaa Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Eeliyaas Uummataa dabalatee hooggantoonni naannoofi federaalaa, abbootiin qabeenyaafi qaamoleen miidiyaa paarkichatti argamuun daawwannaa taasisaniiru.
Daawwannaa guddichaan booda haasaa kan taasisan Itti Aanaan Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Eeliyaas imaammataafi tarsiimoo dinagdee keesssumattuu tarsimoo dinagdee mandhalee biyyi keenya hordofaa jirtuun milkaa'inoonni gurguddoon galmaa'aa jiraachuu dubbataniiru.
Obbo Eeliyaas rakkoo nageenyaan waggoota sadan darban hamma hojjechuu dandeenyu hojjechuu hanqannus, dhaadannoo "harka tokkoon nageenya, harka biraan misooma" jedhu qabannee hojjetamaa turreen bu'aan galmaa'e baay'ee olaanaadha jedhan.
Kanas daawwannaa hojilee misoomaa godinoota naannichaa adda addaa keessatti taasisanirraa kan hubatan ta'uu ibsaniiru.
Gama misooma baadiyyaatiin galmi kaa'ame afur ta'uufi kunis wabii nyaataa mirkaneessuu, oomisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu, al ergii babal'isuufi carraa hojii uumuu ta'uu ibsanii, galmoota kana arfaniin yoo ilaallu waanti asitti argines kanuma mirkaneessaa jira jedhan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Pirezidaantii MNO Dr.Abdullaziiz Daawud gama isaaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina dinagdee keessatti dameewwan shanirratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu himanii kana keessaa tokko damee qonna ammayyeessuudha jedhan. Qonnarratti inisheetiivii adda addaa hojiirra ooluun oomisha biyya keenyatti hin baramne qonnaan bulaan akka oomishu ta'aa jiraachuu dubbatan.
Oomisha kana galmee industiriif fayyadamuufi sona itti dabaluun fayyadamummaa qonnaan bulaafi biyyaa cimsuun murteessaadha.
Kanaaf damee dinagdee 2ffaa kan ta'e manufaakcheriingii qabame milkeessuuf mootummaan Paarkii industirii ijaarsisaa jiraachuu ibsanii kana keessaa Paarkiin Industirii Qonna Qindaa'aa Bulbulaa isa tokko ta'uufi paarkicha keessatti wanti argine kan abdii namatti horudha jedhan.
Paarkicha keessatti abbootiin qabeenyaa galuun oomisha qonnaatti sona dabaluun hojjetaa jiraachuu keessattuu damma, zayita, nyaata beelladaafi kanneen biroo bal'inaan oomishamaa jiru arguufi kanaaf ammoo galtee industirii akka salphaatti argachuu akka danda'amu hubachuu kaasaniiru.
Paarkiin Industirii kun giddugala godinaalee humna oomishaa cimaa qaban gidduutti argamuun carraa galtee industirii argachuufi gabaafillee dhiyoo ta'uu kaasaniiru. Paarkicha keessatti giddugalli tajaajila iddoo tokkoo akka mijatus ibsaniiru.
Hoji-Gaggeessituun Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabree Daawwannaan taasifame kun abbootii qabeenyaa hanqina keessa ta'uun hojjechaa jiran kan jajjabeessuufi kan biroo gara paarkichaa dhufuun akka misoomsaniif waamicha kan taasisudha jedhan.
Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo Paarkii Industirii Qonna Qindaaa'aa Bulbulaaf akka godinasaaniitti galtee qonnaa dhiyeessuuf hojjetaa jiraachuu keessattuu oomisha alaa galuufi galtee industiriif oolu keessaa tokko qamadiidha. Waggoota afuriin dura callaa qamadii waggaatti kuntaala miiliyoona 1.2 ture.
Amma garuu waggaatti yeroo lama oomishuun bara 2016 garuu callaa qamadii kuntaala miiliyoona 16 oomishamuu, Akuraatarii, saliixa, boloqqee dur godinichatti hin beekamne amma oomishaa jiraachuufi galtee industiriif oolchuu akka danda'amu akkasumas horsiisa beelladaanis humni waan jiruuf aannaniifi bu'aa isaarratti hojjetaniif haalli gaariin jira jedhan.
Godinichi lafa bal'aa bishaan gahaa qonnaan bulaa oomishan waan qabuuf industirii achitti hojjetan galtee dhiyeenyatti argachuu akka danda'an kaasaniiru.
Tarkaanfii damee qonnaarratti fudhatameen godinichatti aanaan dur seeftineetiin deeggaramu amma oomishaa jira. Kanaanis of bira darbuun gabaaf dhiyeessuurratti argamuu ka'eera.
Abbootiin qabeenyaa Paarkii industirii kana keessatti oomishaa jiranis akka jedhanitti bu'uuraalee misoomaa guutuufi galteen industirii dhiyeenyatti argachuun walqabatee haalli gaariin jiraachuu ibsaniiru.