Ispoortiin Bu'uura Fayyaa Hawaasaat. Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Dorgomtoota Feestivaala Dorgommii Ispoortii Marsaa 2ffaa Waajjira Caffee Oromiyaa bakka bu’uun hirmaataniif beekkamtii kennan.
Ispoortiin bu’uura fayyaa hawaasaati kan jedhan Kab. Aadde Sa’aadaan, hawaasni fayyaa qabu ammoo hojiiwwan misoomaa hunda irratti bobba’uun guddina biyyaaf utubaa ta’ee tajaajila jedhan.
Ispoortiin hariiroo hawaasaa cimsee, obbolummaafi tokkummaa dhugaa dagaagsuun, nagaafi misooma waaraa kan itti fufsiisudha. Hojjettoonni Waajjira Caffee Oromiyaa bakka bu’uun Dorgommii Ispoortii Marsaa 2ffaa irratti hirmaachuun injifannoon galmeessitan bara itti aanuttis, kana caala cimtanii dorgommiiwwan gosa garaa garaa irratti hirmaachuu akka qabdan ibsa.
Injifannoo gama kanaan milkeessitan hojii idilee keessan irrattis fakkeenyummaa karaa qabuun hojjettanii raawwii hojii keessanii bu’aa qabatamaan madaalaa milkaa’ina caalmaaf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabus akeekaniiru.





