Itoopiyaan,Qormaata Kamiyyuu Injifattee ni Ceeti!

  • 15 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Alaabaan keenya dirree hunda irratti olkaa’ee akka mul’atuufi mirmirfamu taasisuun, lammiileen kabajaafi jaalala biyya isaaniif qabaniin birmadummaa biyyaa tiksuun dhaloota kanaan gahanii jiru.
Qormaatilee injifachuun itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuudha. Itoophiyaan, qormaatilee uumamaafi namtolchee ishee mudatan injifannoon cehaa, gootota ijoollee ishii hunda haammattee imala guddinaafi badhaadhinaa qabattee hojjechaa jirtu itti fuftee jirti.
Qormaatileen kamiyyuu yoo nu mudatan, sirnaafi biyya ijaaraa jirru itti fufsiisuun injifannoo dachaa gonfachuu irraa humni deebisu hin jiraatu. Kanaaf ragaan, galmeewwan seenaa imalli Itoophiyaan keessa cehaa har’a geesseefi waggoottan jijjiiramaa dabarsine keessattis injifannoowwan dachaa dachaan galmaa’aa dhufan agarsiiftuudha.
Galmi injifannoowwan kanaas, dirreewwan hunda irratti Alaabaa mallattoo biyyaa ta’e olkaasuun mirmirsuufi injifannoo kana duubaan gootummaa lammiilee ishii mirkaneessuudha.
Alaabaan keenya faajjii injifannoo keenyaayi; tokkummaan dhaabbannee biyya jabduu hundaaf taatu kan kaleessa wareegama abboota keenyaan tikfamtee har’a geesse ceessisuun gahee dhaloota har’aati.