Jilli Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaaniin durfamu Godina Qellem Wallaggaatti argamuun Aanaa Anfilloofi Gidaamiif deeggarsa meeshaafi maallaqaa Qarshii Miiliyoona 7.91tti tilmaamu gumaachuun bakka bu'oota hawaasa Godinichaa waliinis

  • 21 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Bakka bu'oonni hawaasaa maricharratti argamanis Hooggansi Olaanaan Naannoo Oromiyaa amaanaa keenya fudhattanii dhuftanii nu ilaaluu keessanitti guddaa gammanneerra jedhan.
Itti fufuunis, nagaa yoo qabaanne hojjennee ni misoomna jedhan. Kaleessa rakkoo nageenyaan wareegama hedduu kaffalaa turre, amma fuuldurri keenya badhaadhinaafi misoomadha jedhan.
Mootummaan gaaffii keenya hedduu nuuf deebisaa tureera; nuuf deebisaas jira. Rakkoo bu'uuraalee misoomaa akka daandii, fayyaa, ibsaa, barnootaa qabnuuf ammoo mootummaan karoorfatee akka nuuf deebisu abdii guddaa qabna jedhan.
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan , rakkoo bu'uuraalee misoomaafi bulchiinsa gaarii deebisuuf dursa nageenya mirkaneessuun barbaachisaadha.
Kanaaf, ummanni qaamolee nageenyaafi mootummaa isaa waliin qindaa'ee hojii hojjechaa jiru cimsee itti fufuun misooma jalqabe ariifachiisuu akka qabu ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Kab. Dr. Tolaa Bariisoos gama isaaniin dhaloota ijaatuu keessatti barsiisaa gahoomsuufi dhibeessii kitaanba barataa irratyi xiyyeeffannee hojjenna jedhan.
Wareegamni isin kaleessa kaffaltan ifa har'aa kana isiniif fidee jira kan Bulchaan Godina Qellem Wallaggaa Obbo Gammachuu Gurmeessaa.