Kabaja Ayyaana Sabaafi Sablamoota bara kana gaggeeffameen , Manni maree Federeeshjinii RFDI gamaaggama gaggeesseen Naannoo keenya sadarkaa 1ffaan madaalee beekamtii kennee jira.

  • 31 Jan 2026
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Hirmaannaa hawaasa Oromoo Kibba Oromiyaafi sabaafi sablammoota ollaa jiraatan waliin bu’aawwan hawaas-diinagdeen deeggaruun Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dambalii hawaasaa bal’aan kabajameefi hirmaannaa milkaa’ina ayyaana biyyaalessaa irratti gama hundaan Naannoon keenya taasiseef Manni Maree Federeeshinii RFDI gamaaggama gaggeesseen Sadarkaa 1ffaan madaalee jira.

Naannoon Oromiyaa, utubaa biyya kanaa ta’ee, qooda ijaarsa Itoophiyaa keessatti qabaachaa ture qabatamaan agarsiisuuf, Godinaaleefi Magaalota adda addaa keessatti, galma keessaa gara Istaadiyeemiitti, hirmaannaa hawaasaa muraasa irraa gara danbalii ummataa guddaatti ceessisuun guddummaafi haammattummaa ummata Oromoo gochaan dhugoomsaa jira.

Saboonni, sablammoonniifi Ummattoonni Itoophiyaa obbolummaa dagaagsuun, tokkummaa itichuun, biyya walqixxummaan hunda haammattee jiraattu ijaarrachuun gaaddisa Heeraa tokko jalatti waliin jiraachuuf waadaa isaanii kan haaromsan Sadaasa 29 Bara 1987 ture.

Guyyaan kun, Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa jeddhamee waggaa waggaan kabajamuu erga jalqabee waggoonni kurneen lama darbaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa darban keessattis, sirni kabaja ayyaanichaa sona mataasaa dabalachaa bal’achaafi dagaagaa kan dhufe yommuu ta’u, Naannoleefi Magaalonni hirmaannaa akka biyyaatti qabaniin gamatti haala qabatamaa isaaniin sabaafi sablammoota ollaa isaanii jiraatan waliin kabajuu eegalan.