Karoora Xiiqii qabame xiqiin hojjennee milkeessuu qabna jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan.
Mul’ataafi ergama Caffeen qabatee hojjechaa jiru milkeessuuf hojiiwwan gurguddoo bara kana karoorfanne keessaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa qorachuu irratti argamna jedhan.
Hojiiwwan gurguddoo gama seera tumuun, hordoffiifi to’annoon, Manneen Maree Ummataa cimsuufi hojii bakka bu’ummaa fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuuf kurmaana 1ffaa keessatti hojjechaa turre sababiin qorannuuf cimina keenya itti fufsiisuun, hanqinaalee keenya irraa barannee hojiiwwan kurmaana 2ffaa keessatti karoorfaman caalmaan milkeessuu giddu gala godhata jedhaniiru.
Karoora xiiqii qabannee hojjechaa jirru xiiqii olaanaan hojjennee fayyaadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuu waan ta’eef, fedhiifi faayidaa ummata bakka buunee dhugoomsuuf qindoomnee bu’aa caalmaaf hojjechuudhaaf akka ta’e Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan ibsaniiru.
Waltajjii Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Waajjira Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jira.