Kokasiin Dubartoota Filatamtoota Miseensota Caffee Oromiyaa Dhaabbata Adoye Center for Ethiopian Women Emprovement & Life and Peace Institute waliin ta'uun dubartoota miseensota Caffee 17 ta'aniif Adaamaatti leenjii kenname..
Dura Teessuun Koree Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaafi Walitti Qabduun Kokasichaa Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa gahumsa dubartoota Miseensota Caffee cimsuun itti gaafatamummaa dachaa qaban sirnaan akka bahataniif yaadamee leenjii qophaa'e ta'uu ibsan.
Hundeessituufi Hoji Gaggeessituun Dhaabbata Adoye Aadde Daraartuu Margaa kaayyoon dhaabbata keenyaa, gahuumsa dubartootaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsuun, dubartoota Miseensota Caffee muraasaaf leenjii mata duree "Transitional Justice" jedhu irratti yommuu qopheessinu hojii bakka bu'ummaa ummataa hojjetan keessatti dhimmi haqaa murteessaa ta'uu ibsan.