Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa manneen hojii 11 Magaalaa Adaamaatti qorate.

  • 10 May 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa, Raawwii Hojii Kurmaana 3ffaa manneen hojii 11 Magaalaa Adaamaatti qorate.
Korichi, hojiin tajaajila lammummaa, aadaa qusannaa dubartootaa dagaagsuun diinagdeen gahoomsuuf jalqabbiin jiru, mirga hojjetaafi hojjachiisaa kabachiisuuf hojiin hojjetame raawwii fooyyee qabudha jedhe.
Gama biraan, manneen barnootaa keessatti Gumii Tiraanisformershiinii Barnoota lafa qabsiisuun, dhiyeessiin qorichaafi raawwiin pirojeektotaa hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uus Dura Teessuun Korichaa Kab. Aazdde Mastaawot Fayyisaa ibsaniiru.
Akka waliigalaatti, raawwiin hojii seektaroota haawasummaa kan kurmaana darbeerra fooyyee qabaachuu eeruun hojiileen harca'anii hafan yeroo hafe keessatti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qaban akeeke.