Koreen Dhaabbii Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Caffee Oromiyaa Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Magaalaa Adaamaatti qoratae.
Korichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa manneen hojii damee hawaasummaa isaaf itti waamaman qorataa tureen raawwii karoora tarsiimo’aafi hojiilee gurguddoo, sagantaalee mootummaa irraa maddan irratti xiyyeeffachuun guyyoota lamaaf gaggeessaa tureera.
Koreen Dhaabbii, raawwiin manneen hojii gidduu jiru garaagarummaa qabaatus, milkaa’inoota hojii keessatti argamaniif qindoominaan hojjechuu jalqabuun, hojiin itti fayyadama miidiyaaf kominikeeshinii, hojiin tajaajila lammummaa, ayyaanota ummataa aadaafi duudhaa hawaasichaa ibsan beeksisuuf hojiiwwan hojjetamaa turaniin cimina jedhe.
Harkifannaan pirojektootaa, kenna tajaajila nama giddu gala godhate kennuu, deggersaafi hordoffii rakkoo hiikuu danda’u gaggeessuun xiyyeeffannoo addaa kan barbaadu ta’uu Dura Teessuun Korichaa Kab. Aadde Mastaawot Fayyisaa ibsaniiru.
Korichi gabaasa raawwii kurmaana 1ffaa manneen hojii irraa dhiyaateef xiinxaluun ciminootaafi hanqinaalee raawwii keessatti mul’atan adda baasuun dhimmoota kurmaana 2ffaa keessatti xiyyeeffannoo argachuu qaban irratti duubdeebii manneen hojii hundaaf kennee jira.