Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa gurmaa’iinsi Gandaa haaraan hojiirra oole galmoota misooma baadiyyaan qabamanii hojjetamaa jiran saffisiisuu qaba jedhe.
Koreen kun, raawwii hojii Kurmaana 1ffaa sekatara baadiyyaa kudhanii guyyoota lamaaf Adaamaatti qorachaa ture xumuuree jira.
Itti Aaantuu Dura Teessuun Korichaa Kab. Aadde Caaltuu Tuqaa raawwiin hojii kurmaana kanaa yommuu ilaalamu fooyyee kan qabu ta’us, galmoota qabamanii waliin hojii guddaatu nu eeggata jedhan. Oomishtummaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran abdii kan namaa kennan ta’uus eeraniiru.
Dhimmoonni Gurmaa’iinsa haaraa gama hundaan deeggaruu, kenna tajaajilaa qixa walfakkaatuun raawwachuufi carraa hojii bal’inaan uumuu irratti xiyeefatamanii hojjetamuu akka qabanis ibsaniiru.