Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Baadiyyaa Caffee Oromiyaa Raawwii Kurmaana 3ffaa Manneen Hojii 10 Magaalaa Adaamaatti qorate.

  • 10 May 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Korichi gamaaggama taasiseen, raawwiin Inisheetivii Qonnaa, Kaadaastara Lafaa, Galii Lafa Baadiyyaa irraa argameefi Buusaa Gonofaan jiru milkaa'aadha jedhe.
Raawwiin Piroojeektiiwwan Biiroo Jallisiifi Horsiise Bulaa, Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaan hojjetamaa jiran, waliigalaan ammoo, kenna tajaajilaan walqabatee raawwiin jiru ammallee sirreeffama kan barbaadu ta’uu Koree Dhaabbii ibsee jira.
Walumaagalatti, galmoonni gurguddoon damee misooma baadiyyaan walqabatanii jiran fooyya’iinsa kan qaban ta’uun Dura Taa’aan Korichaa Kab. Obbo Diriirsaa Waaqumaa ibsan.