Koreen Dhaabbii Dhimma misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa Bara 2017 sektaroota Damee Misooma Magaalaa 10 Magaalaa Ambootti guyyoota 2'f gaggeessaa ture xumuree jira.
Duraa Taa'aan Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Abdurqaadiir Huseen hojiin hojjatamu hundi fayyadamummaa Ummataa giddu galeessa godhatee hojjatamuu qaba jedhan.
Rifoormiin Magaalota keenya keessatti gaggeeeffamaa jiruunis magaaloonni duudhaa Oromoo ganamaa qabatanii akka guddataniif hojiin hojjetamaa jiru gaarii ta'us, kenna tajaajilaa fooyyessuu Teknooloojii fayyadamuufi magaalota ammayyeessuu, carraa hojii bal'inaan,baay'inaafi qulqullinaan uumuun hojii xiyyeeffannoo barbaadu waan ta'eef, hooggansiifi qaamni dhimmi ilaalu hundi xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu Kab.Obbo Abdulqaadir ibsaniiru.