Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa raawwii Kurmaanaa 3ffaa manneen hojii 10 Adaamaatti qorate.

  • 10 May 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Korichi, gamaaggama taasiseen magaalota keessatti inisheetiviiwwan qonnaa qabamanii hojjetamaa jiran, qonna magaalaa, horsiisa beeyladaa, bu'uuralee misooma magaalaan walqabatee hojiiwwan hojjetamaa turan milkaa'ina qabaachuu ibse.
Qindoominniifi walhubannaan magaalonni keenya ummata isaanii waliin qaban waliigalaan yommuu ilaalamu fooyyee qaba jedhe.
Magaalota keessatti, tajaajilli ummata keenyaaf kennaa jirru hojii xiyyeeffannoo addaa barbaadu ta’uu ibsuun, harkifannaan ijaarsa piroojeektiiwwaniifi qulqullina gabaasaa hanqina qabaachuu Dura Taa'aan Korichaa Kab. Obbo Abdulqaadir Huseen duubdeebii manneen hojiif kennan keessatti hubachiisaniiru.