Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa, rakkoo bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaan walqabatee jiru hiikuuf manneen hojii hundinuu xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban ibse.

  • 25 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Koreen Dhaabbii kun, raawwii hojii Kurmaana 1ffaa sektaroota Magaalaa 10 guyyoota lamaaf Adaamaatti qorachaa ture xumuureera.
Qorannaa hojii kanaan, magaalota keessatti, rakkoo qaala’iinsa jireenyaa, hoji dhabdummaafi wabii nyaataa mirkaneessuuf mootummaan inisheetivii kilaastara beelladaa bocuun hojiin hojjechaa jiru jijjiirama fidaa jira jedhe.
Koreen Dhaabbii, sochii Invastimantii naannichaa cimsuuf xiyyeeffannoon kennamee hojiin hojjetamaa jiru fooyyee qabaachuu ibsuun, rakkoo bulchiinsa gaariifi kenna tajaajilaan walqabatee jiru manneen hojii hundinuu irratti xiyyeefachuun adda baasuufi tajaajila ammayyeessuu akka qaban ibsee jira.
Itti Aanaa Dura Taa'aan Korichaa Injinar Siraaj Abdurroo, Magaalaa ammayyaa jiruufi jireenya ummataaf mijooftuu taate uumuuf jalqabbiiwwan jiran gaarii ta’uu ibsuun, qulqullinni qabiinsa ragaafi rakkoon gabaasa sobaan walqabatee jiru xiyyeeffannoo addaa barbaada jedhan.
Kanaaf, teeknoloojii diijitaalaa hojiirra oolchuun tajaajila keenya fooyyessuun, qabiinsa ragaafi lafa magaalaa sirnaan hoogganuun murteessaa akka ta’es duubdeebii kennan keessatti ibsaniiru.