Koreen Qindeessaa Olaanaa Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 19ffaa Biyyaalessaa Karoora Kabaja ayyaanichaa irratti Finfinnee Galma Walgahii Mana Maree Federeeshiniitti mari’ate.

  • 05 Sep 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
 
 
Guyyaan kun, “Waliigalteen Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” mata duree jedhuun Sadaasa 29 Bara 2017 kan kabajamu ta'uu Afyaa'iin Mana Maree Federeeshinii Kab. Obbo Aaganyaw Tashaagar beeksisan.
Kabaja ayyaanota darban irratti, mirgoota Heera Mootummaa kabachiisuu, heddumminni, waloomniifi obbolummaan daran akka dagaaguufi waliigalaan sirni Federaalaa akka cimuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa tureera jedhame.
Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 19ffaa kabajamu irrattis waliigaltee biyyaalessaa uumuun tokkummaa sabdaneessummaa lammiilee karaa cimsuu danda’uun ayyaanichi kan kabajamu ta’uunis ibsamee jira.
Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa baroota darban kabajamaa turaniin lammiileen aadaa isaanii beeksifachuuf carraa kan uumeef yoo ta’u, ayyaana dhufu irratti nageenyaaf, haqaaf, bilisummaafi kabajamuu sirna dimokiraasiif tokkummaan dhaabbachuu karaa isaan dandeessisuun kabajamuu akka qabus ibsameera.
Itoophiyaan biyya sabdaneessummaan badhaateefi heddummina keessummeessuun jiraattu yommuu taatu, tokkummaafi obbolummaa ummataa dagaagsuun, badhaadhina mirkaneessuuf bara itti aanu jijjiiramicha hordofuun gaaffileen ummataa gara minjaalaatti dhufanii irratti kan mari’atamaniifi waliigalteerra kan itti geenyu, akkasumas, Tokkummaan sabdaneessummaan keenya karaa hirmaachisaa ta’een kan itti cimu ta’a jedhame.