Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananitti argamnee kilaastara Avokaadoo qophaa’e irratti biqiltuu dhaabuun Ashaaraa keenya keenyee jirra. Hojiin Ashaaraa Magariisaa hojii dhaloota utubuufi madaala qilleenaa tiksuun walqabata. Waggoottan jijjiirama

  • 03 Sep 2025
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Kanaaf, dhaloonni arraa dhaabuun, biyya ijaaruu qaba. Akkasumas, tokkummaa, jaalala, obbolummaafi walooma cimsuun qooda ijaarsa biyyaa dhugoomsuu keessatti qabu sirnaan bahachuu qaba.
Karoora guyyaa tokkotti biqiltuu Miiliyoona 700 dhaabuuf akka biyyaatti qabame milkeessuufis arra karaa qindoomina qabuun baanee duula dhaabbii biqiltuu gaggeessinee jirra.
Ummanni keenyas, karoora tarsiimaa’aa Ashaaraa Magariisaa mootummaan isaa gadi buusuun hojjechaa jiru fudhatee hirmaannaa isaan deeggaree seenaa dalagaa jira. Kunimmoo, dhaloonni kun itti gaafatamummaa isaa qajeelloon bahachaa jiraachuu isaa mirkaneessa.