Manni Murtii Aadaa gaaffii haqaa ummata keenyaa sirna aadaafi duudhaa ganamaa bu’uura godhachuun deebisuuf hundaa’e.

  • 12 May 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Ummanni keenya, seera aadaafi duudhaalee qabu bu’uureffachuuun tajaajila haqaa dhaqqabamaa argachuun, waldiddaa qabus karaa nagaan akka hiikkatu taasisuudha.
Galmi ijoon hojii kanaas, hariiroo hawaasummaa wal dhabdootaa karaa cimsuu danda’uun, mirgoonni lammiilees akka kabajamaniifi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf hojjechuudha.
 
Caffeen Oromiyaa, tajaajila Manneen Murtii Idilee kennaniin cinaatti ummanni keenya aadaafi duudhaa qabuun haqa isaa mirkaneeffachaa kan ture ta’uu hubatee, Labsii 240/2013n Naannicha keessatti beekamtii seeraa qabaatee akka hojiirra ooluuf waggoota sadii dura Mana Murtii Aadaa hundeesse.
Manni Murtii Aadaas, akkaataa seera aadaatiin waldhabbii hiikuufi araara buusuun tokkummaa cimsuu, obbolummaa dagaagsuun gamatti dhugaafi haqni abbaaf akka deebi’uuf hojii naannicha keessatti hojjechaa tureen bu’aawwan gurguddoon galmaa’anii jiru.
 
Turtii hundeeffama isaa keessattis, ummanni keenya tajaajila haqaa dhiheenyatti baasii salphaan argachaa kan jiruufi hundeeffama Mana Murtii Aadaattis gammadaa akka ta’e ibsa.
Tajaajila Manni Murtii Aadaa Magaalaa Shaggar kennaa jiru, Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Kab. Obbo Gazaalii A/Simal, Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Kab. Obbo Abulhakiim Muluufi hooggansi sadarkaa Naannoo, Magaalaa Shaggariifi Godinaalee argamanitti daawwatamee jira.
 
Hojiiwwan naannicha keessatti hojjetamaa jiraniifi bu’aawwan argaman giddu gala godhachuunis, Yaa’iin Mana Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa Kurmaana 3ffaa Finfinnee Hoteela ‘Sky Light’ tti gaggeeffameen kanneen bu’aa gaarii galmeessaniif sirni beekamtiifi badhaasaas kennamee jira.
Godinni Harargee Lixaa, Magaalaan Adaamaa, Magaalaan Shaggar, Godinni Baale Bahaa, Godinni Jimmaafi Harargee Bahaa walduraa duubaan sadarkaa 1ffaa hanga 6ffaa qabachuun beekamtiifi badhaasaa isaanii bakka Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan argamanitti fudhatanii jiru.