Mariin Waloo walitti dhufeenya Naannolee Ollaa ummata Oromoo, Sidaamaafi Halaabaa hirmaachise Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira.

  • 22 Jun 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Marii Waloo kanarratti, Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Afyaa'iin Naannoo Sidaamaa Kab. Aadde Faantaayee Kabbadaa, Bulchaan Godina Halaabaa Kab. Obbo Muhiddiin Huseen, Bulchaan Godina Arsii Lixaa Kab. Obbo Ahimad Hajiifi hooggantoonni Naannolee lamaaniifi Godinaa bakkaa argamanitti gaggeeffamaa jira.
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan haasawaa baniinsaa taasisaniin, ummanni Oromoo ummata Sidaamaa, Halaabaafi ummattoota biroo ollaa isaa jiran waliin nagaafi jaalalaan hawaasa bara dheeraaf jiraachaa tureefi jirudha jedhan. Rakkooleen yoo mudatanis, ummattoonni kunniin aadaafi duudhaa waliin qabaniin mari'atanii furachuudhaan ummata beekamanidha jedhan.
Mootummaan Jijjiiramaa sabdaneessummaan bu'uura ijaarsa biyyaa ta'uu hubatee, ummattoonni mirga ofiin of bulchuu akka gonfatan taasisee, ummattoonni ollaa walii jiraatanis ollummaa gaariin jaalalaafi tokkummaa qaban cimsuun akka waliin jiraataniif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhan.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Lixaa Kab. Obbo Ahimad Hajiis, hawaasa Oromoo, Sidaamaafi Halaabaan ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun ummattoonni sadeen kun hawaasa safuu qaban, aadaa, duudhaafi seenaa walfakkaatu qaban ta'uu ibsaniiru. Ummattoota bara dheeraaf obbolummaa dhugaan waliin jiraachaa turan ta'uu ibsaniiru.
Marii waloo kanarratti barreeffamni duudhaa nagaafi jaalalaa ummattoota kanneenii Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaatiin qophaa'e Dr. Baalchaa Qananii dhiheessaniiru. Akkasumas, muuxannoon Waajjira Qindeessaa Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuziifi Gambeellaa I/G/Waajjirichaa Obbo Firoomsaa Solomooniin dhiyaatee jira.