Murtiin Komiishinii Hiikkaa Heeraa MNOn Kennamu ol iyyanoo kan hin qabneefi isa dhumaati.
****
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe Keewwata 67 jalatti akkaataa ibsameen “Falmiin Heerarratti hundaa'e murtii kan argatu komishinii Hiikaa Heeraa Mana Maree Aanaaleerraa miseensa tokko tokko walitti boba'ee moggaafamuun ta'a”. Hiikkaa Heeraa jechuun, olaantummaa Heera Mootummaa mirkaneessuu akka ta’e ibsama.
Komiishiniin Hiikkaa Heeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, seerri ykn murteen dhumaa qaama mootummaa dhimmi ilaallatuun kennamu kamiyyuu tumaalee Heeraatiin ykn mirgoota lammiilee Heeraan beekkamtii argataniin kan walfaallessudha ykn akkaataan tumaaleen Heerichaa itti hiikkaman irratti garaagarummaan jiraachuu isaatiin gaaffilee ka’aniif Hiikkaa Heeraa barbaachisa jedhamee Gumii Calaltuu Dhimmoota Heeraan calalamee yaada murtii dhiyaatuuf irratti murtii xumuuraa kenna.
Murtiin Komiishinii Hiikkaa Heeraan kennamu kamiyyuu ol iyyannoo kan hin qabnee fi isa dhumati.