Oromoon Malkaa Hora Finfinneefi Ar-Sadiitti ummattoota obbolaa isaa waliin biyya keessaafi alaa walitti dhufee karaa miidhagina qabuun Irreecha milkiin goolabee jira.

  • 14 Oct 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments
 
Guyyoonni lamaan dabarsine kun, Oromoof guyyaa seena qabeessadha. Ummanni keenya, aadaa, duudhaafi safuu Irreechaa kabajjanii nagaan irreeffattanii xumuuruun guddummaa keessan mirkaneessitanii jirtu.
Irreecha bara kanaa irratti, lammiileen alaafi sabaafi sablammoonni biyya keenyaa tokkummaan bahuun, duudhaalee waliin jireenyaa baroota dheeraaf qabnu kan itti agarsiiftaniifi obbolummaa walqixxummaa irratti hundaa’een Irreecha waliin kabajuu danda’uun keenya ammoo miidhagina addaa akka argatu taasisee jira.
Irreechi duudhaa nagaa, tokkummaa, jaalalaafi galateeffannaa ta'uu malkaawwan lamaan Hora Fifinneefi Hora Ar-Sadee irratti qabatamaan mul’iftanii waan jirtaniif kabaja, galataafi ulfina guddaa qabdu.
Hundaa’ol, Irreechi Bara 2017 qophii irraa eegalee hanga xumuura isaatti karaa nagaafi milkiin, duudhaa isaa eeggatee, miidhagee akka kabajamuuf qaamoleen tumsa taasiftan hundinuu galanni keessan guddaadha.