Waamicha Nageenyaa Af yaa'iin Caffee Oromiyaa Kab.Addee Sa'adaa Abdurahmaan Taasisaan

  • 29 May 2024
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Nageenyi bu’uura ummataati; wabiin nageenyaa ummata keenya. Nagaafi tasgabbii ummataa mirkaneessuuf ammoo, duudhaalee qabnu fayyadamnee tokkummaa yaadaafi ilaalchaa dagaagsinee fedhiifi faayidaa ummata keenyaa karaa tarsiimaa’aa ta’een galmaan gahuuf qindoomnee hojjechuu qabna.

Nuti ilmaan haadha tokkoo, Oromummaan bu’uura eenyummaafi qabeenya waloo keenya. Eenyummaa keenya cimsachuuf ammoo, Oromiyaa dhalootaaf taatu ijaaruu qabna. Oromiyaa cimsinee, Itoophiyaa cimtuu ijaarra.

Tokkummaa keessoo keenyaa cimsachuun akka sabaatti mul’ata tokko qabannee ummata keenya ceessisuuf waliin hojjechuu qabna. Hojii kana milkeessuuf ammoo, Caffeen keenya itti gaafatamummaa guddaa fudhatee hojjechaa jira.

Caffeen, Oromoofi Oromiyaa bakka bu’a. Mallattoo ummata keenyaati. Sagalee ummata keenyaa dhageessisa. Qorqalbii ummata keenyaatu keessaan ifa. Obbolummaa, tokkummaa, walqixxummaafi garaa garummaa ilaalchaa jiru dhiphisuun galma waloo irratti xiyyeeffatee hojjeta. Hariiroo Mootummaafi Ummata gidduu jiru cimsuuf riqicha ta’ee tajaajila.

Misoomni, guddinni diinagdeefi badhaadhinni hawwinu akka mirkanaa’uuf nagaa ummataa mirkaneessuun dirqama. Olaantummaan seeraa akka kabajamu taasisuudhaaf mootummaan itti gaafatamummaa guddaa qaba. Galma gahiinsa kanaaf ammoo, qoodni bakka bu’oota ummataa keessaahuu, dubartoonni ummata bakka buunee jirru, ummata keenyaaf sagalee ta’uun aantummaa qabnuuf gochaan agarsiisuun dirqama keenyadha.

Dubartoonni Filatamtoota Ummataa taanee jirru ittigaafatamummaan qabnu dachaadha. Gama tokkoon, ummata keenyaaf sagalee taanee haala jiruufi jireenya isaa ibsuun, ergama bakka bu’ummaa keenya ijoodha.

Gama biraan, bakka nagaan hin jirretti adda durummaan kan saaxilamu dubartoota waan ta’aniif, miidhamni isaanii kan keenya ta’uu hubannee, bakka isaan hin jirretti nutis kan hin jirre ta’uu beeknee rakkoo isaan irra gahuuf qaama furmaataa ta’uudha.

Caffeen keenya, Yaa’ii gaggeessaa tureen nageenya ummata keenyaaf xiyyeeffannoo addaa kennee mari’achaa tureera. Bu’aa marii kanaanis, murtiiwwan jajjaboon nageenya keenya waaressan darbaa turaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaas, waamicha nageenyaa taasisaa tureen, carraan gaaddisa tokko jalatti walgahanii waliin mari’achuu uumamuu danda’ee ture.

Duudhaan ummata keenyaa, yaadaafi qalbiin waliigalanii rakkoo jirtu keessootti furachuudha. Waliigalan alaa galan, alaa galan maqaa tolan akkuma jedhamu, kaleessa ala turre, gamtaan qabsoofnee injifannee abbaa biyyummaa keenya mirkaneeffannee jirra. Hojiin guddaan nu hafe, qabsoo itichuufi injifannoo ofirra bulfachuudha.

Kunimmoo, waldhaggeeffachuu, tokkoomuu, hiree waliif kennuu, fedhiifi faayidaa ummataaf dursa kennuu gaafata. Walkabajuu, mari’atanii dhibdee jirtu furachuu barbaada. Kanaaf, balballi mootummaa banaadha. Harki mootummaan nagaaf diriirses hanga ammaatti hin dachaane. Ammallee, carraan jiru itti fufee jira.

Kaayyoon keenya, nagaaf dursa kenninee imimmaan ummata keenyaa haquudha. Diinagdee ummata keenyaa deebisnee utubuudha. Ummanni keenyas, nageenya isaa deebifatee qe’ee isaatti misoomee, diinagdee injifannoo isaa tursiisuu danda’u ijaaruudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas, fedhii ummanni keenya qabuun gamatti fedhii biraa hin qabu. Tokkummaa sabaa cimsee, diinagdeen utubee, lammii mul’ata qabuufi qe’ee isaatti hojjetee duroomu uumuun badhaadhina Naannoo keenyaa mirkaneessuudha. Biyyaaf ammoo, utubaa ta’ee ceessisuudha. Waamichi Nageenyaa Caffee keenyaan taasisaa turres, agarsiiftuu kanaati. Bu’aan argamaa jirus, abdachiisaadha.

Akka sabaatti, gamtaan sochoonee yoo hojjenne qofa egeree dhalootaa mirkaneessuu dandeenya. Gabrummaan Jaarraa tokkoo oliif nurra bubbulte. Rakkoo tokkummaa dhabuu keenyaan diinaaf saaxilamnee hacuuccaa alagaa nurra dheeresse. Gadaa tokko jalatti hiriirree wayita qabsoofnu ammoo, diinni yoo ilaalan guddaa fakkaatu nu jala dhaabbachuu hin dandeenye.

Kunimmoo, diinota keenyaaf yeroo hunda yaaddoodha. Carraan qaban yaadaan nu qoqqoodanii injifannoo arganne deebisanii dhaamsuudha. Abshaalummaan dubbii ilaallee tokkummaa keessoo keenyaa cimsinee waloon waloomaaf dhaabbachuu qofatu injifannoo keenya tursiisa.

Dubartoonni Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Caffee Oromiyaa ta’uun Naannoo keenya bakka buunee asitti argamnus, dhugaa kana hubannee waamicha nagaa taasisaa jirra.

Nuti ilmaan Abbaa Gadaa, afaan tokko dubbannee rakkoo keessoo keenyaa ofiin hiikkachuu osoo dandeenyuu qaawwa ofitti uumneen, ormaaf karra saaqnee qe’ee Oromoofi Oromiyaatti nagaa buusuuf aadaa, duudhaafi safuu ummata keenyaan waamicha taasisuu irratti argamna.

Dubartiin Oromoo Siinqeen nageenya labsiti. Manni dubartiin keessa hin jirre onaadha. Qe’ee nagaan hin jirre aadaafi duudhaan hawaasaa hin jiru; walkabajuu, safuufi safeeffannaan hin jiru. Kanaaf, nagaatu ishiif mala. Nagaa keessatti dhaloota ijaarti. Nagaa keessatti jiruufi jireenya hawaasummaa dagaagsiti.

Bakka nagaan hin jirretti hundaa’ol, miidhaaf kan saaxilamu Dubartiidha. Kanaaf, nagaa barbaanna. Nagaatu nuuf kabaja. Nagaatu akka sabaatti nu ceessisa. Nagaa keessatti tokkummaa saba ijaarree dhalootaa dhalootatti ceessifna.

Waamichi nageenyaa har’a taasifnu kunis, miidhamni ummata keenyarra gama hawaas-diinadgeen qaqqabaa jiru akka dhaabbatuuf, humnoonni hidhatanii bosona keessa jiran nagaaf dursa kennanii daandii nagaa filatanii ummata isaaniitti makamuun akka qabsaa’aniif waamicha nagaa taasisuu irratti argamna.

Dacheen Oromiyaa, ilmaan sabaa qofaaf osoo hin taane, ormaafuu dahoo ta’uun beekamti. Dacheen badhaatuun kun, ummata keenyaaf bu’uura misoomaa taatee, ilmaan ishii gaaddisa tokko jalatti walitti qabuun kan beekamtu dachee seena qabeettiidha.

Kanaaf, dachee kana keessatti har’a irraa eegalee, ilmaan keenya gamaa gamana dhaabbatanii wal waraanuurra, walta’anii waliin dhaabbachuu akka qabaniif waamicha taasifna. Tokkummaas labsina. Ejjennoo keenyatu kana.

Kanaaf, warri bosonatti galtan waamicha harmee keessanii dhageessanii qe’ee nagaa, dachee nagaa, hawaasa safuu qabu, duudhaa qabu, nagaa jaalatu keessaa baatanitti deebitanii akka galtaniif waamicha nagaa isiniif taasifna.

Nuti dubartoonni jaalala, tokkummaafi misooma barbaanna. Ummanni keenyas dheebuu kanaa qofa qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas, dachee naga qabeettii keessatti Oromiyaa ijaaruu barbaada. Walwaraanuun nu haa gahu! Galatoomaa!