Yaa’iin Idilee 11ffaa Waggaa 5ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa boru ifaan ni banama.

  • 18 Jul 2026
  • Posted by caffeeoromia
  • 0 Comments

Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan Yaa'iin Idilee 11ffaa kun guyyaa boruu irraa eegalee guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta’uu ibsa miidiyaaleef kennaniin eeran.Kab. Aadde Sa'aadaan ibsa isaanii keessatti, Ajandaaleen Yaa'ichaaf qabaman Gabaasa Raawwii Bara 2018fi Kallattii Karoora Hojiiwwan Bara 2019 Qaamolee Mootummaa sadeeniifi Mana Hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa irratti kan mari’atu ta’uu ibsan.

Kana malees, Yaa’iin kun, Wixinee Labsii Dabalata Baajata Hojiiwwan Bara 2018, Wixinee Labsii Baajata Bara 2019 Hojiiwwan Mootummaa Naannichaa Raawwachiisuuf oolufi Muudama Kaadhimamtoota Abbootii Seeraa irratti ni mari’ata jedhamee kan eegamu ta’uu ibsa kennaan keessatti akeekaniiru.