Koreen Dhaabbii Dhimma Misooma Magaalaa Caffee Oromiyaa raawwii Kurmaanaa 3ffaa manneen hojii 10 Adaamaatti qorate.
Korichi, gamaaggama taasiseen magaalota keessatti inisheetiviiwwan qonnaa qabamanii hojjetamaa jiran, qonna magaalaa, horsiisa beeyladaa, bu'uuralee misooma magaalaan walqabatee hojiiwwan hojjetamaa turan milkaa'ina qabaachuu ibse.





