Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan, Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti mana barnoota Sadarkaa 1ffaa Aanaa Walgawoo Laga Bariitti argamuun barattoota maatii harka qalleeyyii ta’an 70f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasi
Egereen biyyaa barattoota har’aa harka jiran kan jedhan Kab. Aadde Sa’aadaan, biyyi kan ijaaramtu dhaloota barateeni; dhaloonni kun ammoo barnoota isaan cimee dorgomaa akka ta’uuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa kan jiru ta’uu ibsan.





