Koreen Qindeessaa Olaanaa Kabaja Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 19ffaa Biyyaalessaa Karoora Kabaja ayyaanichaa irratti Finfinnee Galma Walgahii Mana Maree Federeeshiniitti mari’ate.
Guyyaan kun, “Waliigalteen Biyyaalessaa Tokkummaa Sabdaneessaaf” mata duree jedhuun Sadaasa 29 Bara 2017 kan kabajamu ta'uu Afyaa'iin Mana Maree Federeeshinii Kab. Obbo Aaganyaw Tashaagar beeksisan.





