Guyyaan Birmadummaa, ‘Daneessummaa Birmadummaa Hunda Galeessaaf!’ mata duree jedhuun sadarkaa Naannoo Oromiyaatti yaadannoo gootota birmadummaa biyyaaf wareegamaniifi agarsiisa adda addaan Magaalaa Adaamaatti kabajamee jira.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, kabaja guyyaa kanaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin, Itoophiyaan fakkeenya birmadummaa, calaqqee walabummaafi bilisummaa Afriikaanotaa ta’uu ibsan.





