Olka'iinsa biyyaa dhugoomsuu keessattii Naannoon keenyi qooda olaanaa qabdi. Kab.Aadde Sa'aadaa Abdurahmaan
Biyya fakkeenya Badhaadhina Afriikaa taate ijaaruun mul’ata qabame dhugoomsuuf, dameewwan misoomaa hunda irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, olkaa’iinsa biyyaa mirkaneessuuf hojii hojjetamaa jiru keessatti qoodni Naannoon keenya qabdu dachaadha jedhan.





