Koreen Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaa,Seeraafi Misooma Namaa Caffee Oromiyaa Gamaaggama raawwii kurmaana 2ffaa bara 2017 Manneen Hojii 14 Korichaaf itti waamaman Magaalaa Ambootti gaggeessaa ture xumuree jira.
Korichi hojii dameewwan bulchiinsaa, nageenyafi haqa mirkaneessuuf baatiwwan jahan darban keessatti hojjetamaa tureefi hojii hordoffiifi to’annoo dirreerratti taasisaa ture giddu gala godhachuun Manneen Hojii Korichaaf itti waamaman qoratee jira.





