Tajaajila Teekinoloojii Dijitaalaan deggerameefi ammayya’aa taasisuuf Appilikeeshinii Mobaayila Caffee Misoomaa ture ifoome.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan,misoomni appilikeeshinii mobaayilaa teekinoloojii dijitaalaa fayyadamuun bakka bu’oonni ummataa odeeffannoo Waktawaafi sirnawaa karaa salphaa ta’een argachuufi ergama bakka bu’ummaa isaanii qajeelloon akka bahatan taasisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan.





